
Bulchaa:Adde Miskii Mahaammad
Baga Gara Marsariitii Waajjira Keenyaa Nagayaan dhuftan!
Hawaasa godina Hararghee Bahaa, hammattootaafi sabdaneessa
tahan carraa bulchuu argachuu keenyaaf itti boonna. Misooma
hunda galeessa tahe mirkaneessuudhaan, bulchinsa gaarii
sabachiisuudhaan, jiruufi jireenya jiraattota godinichaaa
qulqullina olaanaa qabu dhugoomsuun ergama ijoo keenya.
Qananiifi badhaadhina heegeree keenyaa milkeessuuf akkuma
waliin hojjachaa jirutti, tajaajiloota nuti kennaa jirruufi
piroojektiilee misooma hawaasa diinagdee nuti hojjachaa jirruu
hunda irratti nu hordofaa, yaada keessan, qabeenyaafi
beekkomsa qabdan nuuf gumaachaa!
-Adde Miskii Mahaammad
Daawwii hojiilee misooma hawaasa diinagdee aangaoota naannoofi feederaalaa waliin taasifamaa ture
Waajjirri Bulchiinsa Godina
Harargee Bahaa, hojiiwwan bulchiinsaa, misoomaa fi tajaajila hawaasummaa
godinicha keessatti hojjatamaa jiran qindeessuudhaaf, hordofuudhaafi deeggarsa
laachuudhaadhaaf dhaabbata mootummaa itti gaafatamummaa olaanaa qabu dha. Waajjirri keenya
tajaajila diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii, iftoomina fi
amanamummaa irratti hunda’e, bu’a qabeessa ta’ee fi fedhii jiraattota godinichaa
jiddugaleessa godhate dhugoomsuu irratti xiyyeeffata.
Ergamni keenya misooma hawaasa-diinagdee hirmaachisoo tae cimsuu, hirmaannaa dimokraatawaa tae jajjabeessuu fi haala uummanni keemya hundi tajaajila mootummaa, nageenya fi
carraa misoomaa haqa qabeessa tae itti argachuu dandaan uumuu dha. Adeemsa
kana keessatti, dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasaa
fi deeggartoota misoomaa qindeessuun, hordoffiifi deeggarsa walirraa hin cinne kennuun ergama keenya isa ijoodha.
Mul’atni keenya immoo, godina Harargee Bahaa, godina badhaadhinaa fi
nageennyi waaraan keessatti mirkanaae; hambaaleen aadaa fi seenaa
ummataa keessatti eeggame, qabeenya uumamaa itti tikfame; fi uummanni
isii misooma hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qooda fudhate
uumnee arguudha.
Waajjira Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa uummata
tajaajiluu keessatti kutannoo fi amanamummaan hojjechuun, dhimma gaggeessummaa qofaan osoo hin taane,
dhimma ummata bulchaa jirru waliin michoomuufi irroomuuti jeeeti amana.

Kabajamtoota hordoftoota marsariitii waajjira keenyaa
Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina Harargee Bahaatti nagayaan dhuftan, isiniin jechaa, nu hordofuu keessaniif, maqaa bulchinsa godinaatiin baayyee baayyee galatoomaan isiniin jaa. Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru keessatti, gara marsariitii keenyaa dhufaatii keessan akka cuqaasa marsariiticha qofaattii miti kan yaadnu-akka walitti dhufeenya, walhubannaafi waldeeggarsa keenyaatti malee.
Daandii badhaadhummaa keenyaa kan saaqamu, sadoofi dhibaahummaan osoo hin taane, ijjannoo, ciccoominaafi gamtoomina keenyaani . Badhaadhina dhaloota heegeree dhugoomsuudhaaf, takkaan takkaa tarkaanfiilee gara fuulduratti taasisnuu, ofitti amanamummaa, ifaajjeefi tokkummaa keenya gaafata. Kenneen immoo, bakka walitti dhufeenyi, walhubannaafi waldeeggarsi keenya hin jirretti waan yaadamuu miti
Imala gara badhaadhinaatti taasisnu keessatti, kan milkeesinu badhaadhina qofaa miti— tokkumma ummataatiifi biyya keenyaati ijaarra; aadaa jiruufi jireenya ummata keenyaati ammayyeessina; Seenaa dhaloota heegereetiif madda kakaumsaa, hamileefi galtee humna jijjiiramaa taee tajaajilu buureessina . Harra caalaa boruuf haa yaadnu, miira tajaajiltummaatiifi yeroo hin qabnuutiin haa carraaqnu..
Ijaarsi daandiin Badhaadhina galmaa keenya kan maayyiitii miti-imala
guddina safisaafi itti fufinsa qabuuti malee. Qormaatiileen imala taasisnu
keessatti nu mudatan hundi waamicha afeerraa gara ciminaafi qaroomina
caalmayaati, qophaaummaa caalmayaa eegeree waliin ijaaraa jirruuti.
Mullata sammuu, cimina irreefi tajaajiltummaa onnee teenyaa
tokkoomsuudhaan,waliin haa imallu!
Kabajamtoota hordoftoota marsariitii Waajjira bulchinsa godina H/Bahaa!
Baga gara marsariitii wajjira bulchinsa godina H/Bahaa dhuftan, isiniin
jechaa, dhufaatii teessan, kabajaa fi ulfina guddaadhaan simachuu keenyaan
isiniif ibsuu barbaada. Imala badhaadhina jiraattota godinichaa
mirkaneessuudhaaf taasisnu keessatti, marsariitii waajjira bulchinaa
godinaa wirtuu odeeffannoo qofaa osoo hin taane, iddoo riqicha walhubannoo,
, tumsaafi itti gaafatamummaa waloo itti ijaaruudha.
Addunyaa haalli bulchinsaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti,
raawwii itti gaafatamtoota seektaraalee qindeessuu irraa eegalee hanga
bulchinsa gaarii mirkaneessuutti hojiilee jiran milkeessuun kan danda’amu, mariin
itti fufina qabu, michuummaafi kaayyoon waloo yoo jiraate qofaadha.
Akka itti gaafatamaa waajjira bulchinsaatti, adeemsa aadaa hojiilee
oggummeessuu, itti gaafatammummaafi hirmaachisummaa dhugoomsuudhaaf
taasisaa jirru keessatti, gahee narraa eeggamu sadarkaa olanaadhaan
akkan bahadhu waadaan gala.
Akkuma tokkoon tokkoon keenya lammii tajaajiluudhaaf dirqama dhunfaatiifi
waloo qabnutti-itti quufinsa jiraattota godinichaa sadarkaa olaanaan
mirkaneessuudhaaf, tajaajilaa qulqulluufi seera qabeessa tae ummata
biraan gahuudhaaf waliin haa hojjannuu!
Misooma diinagdee, hawaasummaafi bulchinsa gaarii mirkaneessuudhaaf
akkuma waliin hojjachaa jirru, tumsa, yaadaafi duubdeebii isin nuuf
gumaachitan gammachuudhaan kan simmannu tahuu keenyaa kabajaadhaan isin
hubachiisa.

Mata Duree:Haasawa P/M/N/O
Ibsa Vidiyicha:Haasawa Barbaachisummaa Ogummaa